Eebba Oromoo Tuulamaa
Hayyee,Hayyee! Hayyee, Hayyee!
Waaqa uumaa Waaqa uumamaa
Waaqa Burqaa Haroo Walaabuu
Waaqa sagaltama garbaa
Waaqa salgan Booranaa
Waaqa torban Baarentummaa
Waaqa Bokkuu Gurraachaa
Waaqa Ciicoo Gurraattii
Waaqa Caffee Tumaa
Waaqa shanan Gadaa Oromoo
Nagayaan nu olchitee nagayaan nubulchi
Nagayaan nu bulchitee nagayaan nuolchii
Kan faantii lafaan lolte
kan sammuun Waqaan lolte nurraaqabi
Irraa-gora nu oolchi
Dogoggora nu oolchi,
Hamaa nurraa qabi
Tolaa nutti qabi,
Xiqqaa nuu guddisi
Guddaa nu muldhisii/bulchi
Waan qabnuun nu bulchi
Rooba nagayaa roobi
Baraa nagayaan nu basii
Gadaan roobaa nagayaa
Barri quufaa gabbina
Eebba Oromoo Booranaa
Ardaannagaa……….........................................Nagee
Bobbaan nagaa....…….................................….Nagee
Barri nagaa………...............……......................Nagee
Waareennagaa……….....................................Nagee
Waariin nagaa………...........…….....................Nagee
Reerii nagaa…………….......….....................…Nagee
Dheedi nagaa…………...........…......................Nagee
Yaa’iin nagaa……………...................…...........Nagee
Kuubiin nagaa……...........................................Nagee
Raabi nagaa…………………...........................Nagee
Kuusaa goseen nagaa…….....................…….Nagee
Ijoolleen Kuuchuu nagaa…..............................Nagee
Dirreen nagaa……………...................…...……Nagee
Dirree dirri Liibannagaa…...............................Nagee
Liiban Golbaa Diidinagaa…....................…….Nagee
Malbee Golboon nagaa.....…...................…….Nagee
Saakuu waasoon nagaa…...............………….Nagee
Tulaa sallan nagaa……….................…………Nagee
Baddaa sadeen nagaa………...............……...Nagee
Areeroo Gooroon nagaa……................…...…Nagee
Gooroon Oromoo teenna nagaa…..............…Nagee
Oromoon nagaa……………....................…….Nagee
Oromiyaan nagaa………..……................……Nagee
Handhura Oromiyaa Finfinnee nagaa…..…...Nagee
Gadaan nagaa………….……….................….Nagee
Gadaamojjii ta roobaanagaati…....................Nagee
Bokkeenni roobe haraa danbalaaguutee…...Nagee
Nageenni galee moonaaguutee................…Nagee
Elelleen mirgitee hokoleeguuttee..................Nagee
Nagaa Waaqi guutee…………................…...Nagee
Funnaan kormaaqajeele……....................…Nagee
Funnaan dhalaa qajeele….…...............…….Nagee
Ilmat abbaa qajelee…………................…….Nagee
Angafat maandhaa qajeele…...............…….Nagee
Niitit dhirsaaqajeele……………...................Nagee
Qaro arraba qajeela…………...............…….Nagee
Beekaa yaadaqajeela…………...................Nagee
Barataa barruu qajeela…….............….…….Nagee
Sabat-Sabaa qajeela………….............…….Nagee
Biyyat abbaa qajeela……….............….……Nagee
Oromoot walii qajeela…………..............…..Nagee
Horaa bulaa deebanaa mishaa,lataa daraaraa, aadaa afaan keessanbeekaatokko
ta’aa jiraadhaa.
Eebba Oromoo Gujii
Ee…… Ati Waaqi Ardaa
Waaqi Abbaa
Ka Me’ee Bokkoo
Ka Dibbee Dhugoo
Ka Garba Aannoo
Waaqi Gujii Gurraachaa
ati nuudhageyi
Dhageettu nuu Owwaadhu
Ta olii oliitti nu hanqisi
Ta gadii gaditti nu hanqisi
Ta dallaa lamaanii achumatti nuhanqisi
Barri nageya
Bariin nageya
Jaarsi nageya
Jaartiin negeya
Ilmi nageya
Intalti nageya
Ka fuudhu nageya
Ta heerumtu nageyaa
Uchumti nageya
Bobbaan nageya
Tissaa uleen nageyaa
Elemaa gaadin nageya
Ardaan yaa’aa nageya
Me’een Bokkoo nageya
Duddaa daawwaan nageya
Sabbaa Oddoon nageya
Gooroon Doolaa nageya
Gooroon Oromoo teennaa martinuunageya
Handhurri Oromiyaa Finfinneennageya.
Eebba Oromoo Maccaa
Na oofkalchaa…………………..............................oofkalaa
Na oofkalchaa…………...……..........................….oofkalaa
Na oofkalchaa………...………...........................…oofkalaa
Waaq nagaan bullee nagaan nuoolchi ...............nu oolchi
Hamaan gargar nu oolchi....................................nu oolchi
Irraa gora nu oolchi..........................................…nuoolchi
Dogoggora nuoolchi............................................nu oolchi
Citiin sadii citii sadan nuoolchi............................nu oolchi
Citii waraanaa nuoolchi......................................nuoolchi
Citii waraansaa nu oolchi...................................nu oolchi
Kan caamee goggogsu nuoolchi.......................nu oolchi
Kan roobee tortorsu nuoolchi............................nu oolchi
Walbira oolchii nubulchi....................................nubulchi
Waliigaltee nuukenni……….............................nuukenni.
Waliigalii nuutoli...............................................nuu toil
Sonii nuuroobi..................................................nuu roobi
Waan rooba keessa jibban nubaasi................nu baasi
Waan caama keessa jibban nubaasi..............nu baasi
Egaa nagaya...................................................nagaya
Barri quufa Gadaan gabbina gabbisi Waaq!
Kan ati jette tolaadhaa tolaan nuhaaga’u .........haagahu
Bakkalchi bakkee haa ta’u................................haa ta’u
Bakkeen nagaa haa ta’u...................................haa ta’u
Qorroon dibdibbee haa ta’u..............................haa ta’u
Dhiigni dhallaadduu haata’u.............................haa ta’u
Adamoon deettii haa ta’u..................................haa ta’u
Duulli dannaba haata’u.....................................haa ta’u
Rimaan haphee haa ta’u....................................haa ta’u
Kormi cirrii haa ta’u............................................haata’u
Dhugee haa booressu.....................................haa booressu
Dheedee haabarbadeessu..............................haabarbadeessu
Booruun gabbina haata’u................................haa ta’u
Barbadaan suga haa ta’u................................haa ta’u
Dhugaan tulluu haa ta’u..................................haa ta’u
Dharri sulula haa ta’u......................................haa ta’u
Anaaf sihii hin maqsin.....................................hin maqsin
Kan ormi maqe nu hingahin............................hin ga’in
Bakka hir’ate Waaqni ittihaaguutu…………....haa guutu.
Egaa nagaya..................................................nagaya
Haleele………............................................…..Diina haleeli!
Irreeffatee, dhibaafateetoofkala!.....................Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!
Eebba Oromoo Karrayyuu
Miinya tahi!………………………..........ziz
Foduu tahi!………………………..........ziz
Alalaasi!…………………………….......ziz
Alaa gali!………………………….........ziz
Oli reebi!……………………………......ziz
Maatii raaphu!…………...………….....ziz
Gadi reebi!…………………………..…ziz
Karra raaphu!……………………….…ziz
Adaboon gooba!.………………….......ziz
Goobni geerarsa!……………………...ziz
Hurrubni Mirga!………..………….......ziz
Dirreen Dannaba!……...……………..ziz
Simoo ta’i! ………………………….....ziz
Sin simin!……………………………....ziz
Dandoo ta'i! ……………………..........ziz
Sin danda'in! ……….………………....ziz
Doobbii ta'i! …………………...……....ziz
Diina gubi !………………………….....ziz
Guchii ta'i !……………………….........ziz
Baalaan booni !….…….……………...ziz
Citaa ta'i! …………………………......ziz
Gurmuu baasi! ……………………….ziz
Daddaraari! ……………..……………ziz
Dilboo ta'i! ………..…………………..ziz
Babbaroodi .………………………….ziz
Cibraa dhoosi ……..…………………ziz
Gaara ta'i! ...................………………ziz
Itti jigi!……....................……………...ziz
Haladdaq ta'i.……..……………..……ziz
Bal'adhu!…………..…………………..ziz
Fantaallee ta'i!..……………………….ziz
Mul’adhu!......................………….......ziz
Qabadhu!...........................................qabadhu!
Eebba Cidhaa
Qabattanii aaga qabadhaa
Rafaa abjuu qabaadhaa
Adeemaa milkii qabaadhaa
Miillaan lafa qabadhaa
Harkaan Waaqa qabadhaa
Coqorsa lo’aa ta’aa
Gannaa fi Bona lalisaa
Odaa dagaagaa ta’aa
Gannaa fi Bona garbaabaa
Aannanii fi garaa ta’aa
Dhadhaa fi mataa ta’aa
Akka biiftuu aanga’aa
Akka qorsaa ifaa
Cirracha Abbayyaa ta’aa
Lakkaa’aan isin hin fixin
Madda Walaabuu ta’aa
Waraabaan isin hin fixin
Jalduu Biikkoo ta’aa
Qomaa fi dugdatti baadhaa
Goomattuu fi tolfattuun isin hindanda’in
Bona ongee baraaraamaa
Ganna balaqqee ofkalaa
Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu
Kumaatama hora
Kan hortanii wajjin bulaa
Walbira oolaa-bulaa
Safuu waliif qabaadhaa
Eebbi kun eebba gosaatii,
Qabatee isin biraa hin hafin
Na hoofkalchaa
Ebba Oromoo Arsii
Sun toltu
Faatee waaqni dhagahi
Lafti sii dhagahi
Gadaan dhagayi
Gadaamoojjiin dhagayi
Dhibbi dhagayi
Dhibaayyuun dhagayi
Gadabitti nu galchi
Gadaa nu hulluussisi
Waraana qaqeess
iOromoo qaqatti nuu bulchi
Doloolloo yaasi
Yaa’aa gabbis
Jinfuu tuuli
Tuulaa diinaa diigi
Oromoo biifaa si godhi
Biiftuu ganamaa si godhi
EEBBA ARSI
Ejersa gaaraa si godhi
Korma nyaaraa si godhi